Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Guyyaa Gootota Oromoo - guicha Seena Qabeessa.

Ebla 20/2008-04-19

Guyyaan Gootota Oromoo kan bara 2008tii , guyyaa Magaalaa Melbourne keessatti sirna ho’aan kabajamee oole. ABOtiin, WBO fi ummata Oromoo biratti kan kabajamu guyyaan seena qabeessi kun Oromiyaa fi biyyoota ambaa biro keessatti illee haala wal fakkaataan kabjamuu oduun naannoo sana irraa nu geesse ni ibsiti. Ayyaanni kun Yaadatnoo jaallan QBOf wareegamanii fi Faaruu Alaabaa dura buusuun kan jalqabe ture. Itti aansuun D/T Koree Konyaa ABO VIC J/Umar Osmaan eega keessummoota simateen booda bakka bu’aan ABO J/Gaashuu Lammeessaa B/BBA fi MGS ayyaana kana sirnaan bananii hasawaa gabaabaa GGO ilaalchisees godhanii jiran.

Hasawa gabaabaa godhan keessattis GGO Ebla 15 ABOn maaliif akka kabajamuu fi haala kanaan wal qabate irraa bal’inaan ibsan.  Itti aansuudhaan Guyyaa Gootota Oromoo ilaalchisee ibsi Addi Bilisummaa Oromoo dhageessifamee ummatni hubatnoo irra caalaa ayyaana kana irraa akka argatan taasisfameera. Namoota ayyaana kana irratti argaman keessaas guyyuma Goototaa kana ilaalchisee dhaamsa gaggabaabaa kan dabarsan turaniiru. Ayyaanni kaleessaa kun gaddaa fi gammachuu kan of keessaa qabu ture. Gartuun Artiistotni Oromoo Australia namoota boharessuuf guyyaa kanas guyyaa hagam ho’aa taasisuuf ga’ee isaan taphatan guddaa ture. Miseensotni ABO fi ummatni Oromoo Magaalaa kanaa Ayyanicha irratti argamanis akkasuma hirmaatnaa guddaa qaban turan. Walisni qabsoo, fi walisni garaagaraa hirmaattota kan sochoose ture, gariin immimmaan haqachaa sirbu turan. Hamilee onnachiisaatu guyyaa  kana irraa mul’ata ture. Alaabaan Oromoo ummata Oromoo gidduudhaa ayyaanichatti bifa miidhagaa kennaa turte. Egaa Goototni Oromoo Oromiyaa bilisoomte keessa Alaabaa Oromoo gad dhaabuuf mana isaanii daggala godhatanii diddaa roorroo finiinsuuf aarsaa of godhan yemmuu yaadatan ture namootni kanniin immimmaan isaanii to’achuu kan dadhaban.  Kun akka kanaan utuu jiruu dubree ilillii Kumalaa umriin ishii ganna 9 walaloon mata dureen “Lakkisaa Oromo” jedhu dhageessiste keessummoota ayyaana kana irratti argameen dinqisiifamee jira. Guutummaa walaloo kanaa yeroo gabaabaa asitti marsaa irra oolchuu yaalla. 

Ayyaanni seena qabeessi ilmaan Oromoo heddumminaan hirmaachisee kun kan qophawe Koree Konyaa ABO Victoriaatiin ture.

Jaallatamtoota Gartuu Artistoota Oromoo Australia akkasumas Koree Konyaa ABOf galatni keessan bilisummaa haa ta’u jedhna.

Qabsawaan ni kufa qabsoon itti fufa.

IUOf!

GGB ti!

Koree Kutaa ABO KP irraa

Guyyaa Gootootaa
Guyyaan arraa kunii caalaa guyyootaatii
Kan ittiin yaadannu gootoota Oromootii
Gootootni Oromoo gariin du'anillee
Hin irraanfataman ni jiran ammallee
Gootootni Oromoo kan lubbuun jiranii
Itti fuufan qabsoo hamilee cimtuunii
Dhiigaan barreefamee maqaan gootoowwanii
Dhalootaafi dabraa galmeen seenaa isaanii
Kam yaameen kam dhiisaa martinuu gootootaa
Kan qabsoo irratti kufan ilmaan Oromootaa
Farra gabroomsaa dhaa summii Habashootaa
Jeynoota Oromoo ilmaan abbaa Gootaa
Hawwiin hin arkamuu duuti akkanaatii
Onnee barbaachisaa tan jeeynummaadhaatii
Tutuqamee ka'ee goota tuqaa kaasaa
Ba'achuu hin danda'uu roorroo saba isaa
Jaalalti biyya isaa kan dhiiga qaadhimtee
Kani sabboonummaan isa macheesitee
Goota biyya isaatiif lubbuu isaa if kennee
Dhiiga diinaa malee kan dheebuu hin baanee
Dhiiga habbuuqatee dhiiga deeqqifatee
Reefka diina isaa irraan tarkaanfatee
Kan bilisummaadhaaf akka baheetti hafee
Kokkee diinaa hudhee kan kuffisee kufee
Diinaaf harka laachuu gunkumaa didanii
Gaafa lola Raayyaa gootoowwan kufanii
Harka Muraadhaa fi Harma Muraa Aanolee
Diddaa gabrummaadhaa gootni dinaan lolee
Calanqoo irrattiis meeqaa gaaga'amee
Meeqaa daaraa ta'ee lafeen isaa gubamee
Gabrummaa mannaa du'a wayya je'ee
Oromiyaa maraa gootni qabsoof ka'ee
Kan rasaasaan waadan Carcar Xirroolettii
Kan foon isaa ta'ee hiraata allaattii
Takkee ta'u malee gootni hin Awwaalamuu
Dhihana Allaattii tii tana beeka namuu
Waa hirriiba hin qabduu haati goota deeysee
Haati lunaa garuu hirriiba karristee
Gootni Oromoo lole bakka hedduudhattii
Kan seene hedduudhaa garaa bineensaatii
Gootni barattootaa qabsoo itti fuufee
Mirga saba isaatiif kumaatamaa kufee
Barattotni Oromoo kan Naqantee Amboo
Kan Gimbii fi Najjoo Dambi Doollo fi Shaamboo
Dhiigni isaanii hin hafuu numa kafalamaa
Sammuu Oromoo keessaa yoom irraanfatamaa
Gochi diinaa kunii caalaa nu kakaasaa
Raafamuu hedduutu diroo dhadhaa baasaa
Kumaatani kufuus kumaatama qabnaa
Faajjii isaanii kaasnee qabsoo itti fufnaa
Mirga saba isaaniif gootoowwan kufanii
Nuuf haa qananeessu Waaqni Jannataanii
Waaqni haa kennuufii ol'aanaa Jannataa
Kan haqa isaatii du'e silaa qahi gubataa

***<*>***
Saartuu Oromoo
     

 



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net